Posts

Aangoo Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessatti

Image
Aangoo Abbaa Seerummaa Manneen Murtii Oromiyaa Magaala Finfinnee Keessatti  Obbo Dasaa Bulchaa  Onkololeessa 26, 2018  Akkuma yeroo hedduu jedhamu Finfinneen Oromoof handhuura. Dhimma siyaasaa ijoo fi qaroo ijaa Oromoos taateetti jechuun ni danda’ama. Kun seenaan abbummaan waan walqabatuuf qofa osoo hin taane Oromoon gatii qaalii itti baasaa waan as gaheef dha.  Kanaaf egaa gaafa waa’een Finfinnee ka’u Oromoon hundi gurra qeensee kan dhaggeeffatuuf; ija banees kan ilaaluuf. Labsii Manneen Murtii Oromiyaa Caffeen dhiyeenya kana labseen (Labsii Lak 216/2011) walqabatee gaaffii fi yaadni tokko tokko ka’aa jiru illee kanuma irraa madda. Mee falmii seeraa gadifagoo keessa osoo hin seenne waa’ee labsichaa hubannoodhaaf akka tolu waanuma muraasa jechuun fedhe. Labsichi aangoo fi gurmaa’ina Manneen Murtii (MM) Oromiyaa irra deebiin murteessuuf labsii bahedha. Dura dursa dhimma Oromoodhaaf ijoo fi ija ta’e kana labsii MM ilaalchisee bahe tokkoon deebisuu ykn akkan...